Dhaabbileen mootummaa sadii damee tuurizimii Magaalaa Finfinnee irratti tumsan hojjechuuf walii mallatteessan

You are currently viewing Dhaabbileen mootummaa sadii damee tuurizimii Magaalaa Finfinnee irratti tumsan hojjechuuf walii mallatteessan

AMN PLUS- Guraandhala 25/2017

Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa fi Ministeerri Tuurizimii har’a damee turizimii Magaalaa Finfinnee irratti tumsaan waliin hojjechuu isaan dandeessisu irratti waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalticha kan mallattessan hoji gaggeessaa olaanaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, Ministira Tuurizimii, Salamaawit Kaasaa, fi Daarikteera Olaanaa Immigireeshinii fi Tajaajila Lammummaa Salamaawit Daawwit mallatteessaniiru.

Waliigaltichi gosa turizimii turtii turistoota dheeressuu “stoopover tourism” yoota’u, imaltoonni biyya ka’umsa isaanii irraa erga ka’anii Itoophiyaa akka ce’umsaatti kannen gargaaraman yeroo turtii isaani dheerefatanii gara biyya itti deemanitti akka deeman kan taasisuudha jedhameera.

Waliigalteen dhaabbilee sadeen mallatteessan kun misooma tuuriizimii Magaalaa Finfinnee guddisuuf kan yaadame yoo ta’u, imaltoota magaalattii keessa turaniif paakeejii qophaa’e irratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Kaayyoon guddaan waliigaltee kanaa, carraa bal’aa biyyi keenya dame turizimii “Stop Over”qabdu irratti hundaa’uun, dhaabbileen dhimmi ilaallatu tattaaffii walitti hidhamiinsa qabuun damichaa akka babal’atu, akka guddisan, akka gabbatu kan dandeessisu akk ta’uu odeeffannoon daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa irraa arganne ni mul’isa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply