Dhimmoota biyyaa irratti waliin dhaabbachuun baratamuu qaba – Obbo Girmaa Seefuu

AMN – Muddee 9/2017

Faayidaa biyyaaf jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun dhimmoota biyyoolessaa irratti waliin dhaabbachuun baratamuu akka qabu miseensi hojii raawwachiisaa Paartii Izeemaa Obbo Girmaa Seefuu ibsan.

Obbo Girmaa Seefuu waliigaltee Ankaaraa dhiheenya kana Itoophiyaa fi Soomaaliyaa gidduutti taasifame ilaalchisee AMN waliin marii taasisaniin, Itoophiyaan abbaa karra galaanaa kan turte ta’uu yaadachisuun bara 1983 irraa eegalee garuu ummanni karra galaanaa barbaadaa dhabuu isaa himaniiru.

Gaaffii yeroo dheeraa kana deebisuuf sadarkaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhimmi karra galaanaa ajandaa marii ta’ee ka’uun isaa waan guddaa akka ta’e obbo Girmaan eeraniiru.

Murteen kun seenaa Paartii Badhaadhinaa keessatti kan halluu warqeen barreeffamu keessaa tokko ta’uu ibsuun, Itoophiyaan karaa uumamaa, seenaa ykn karaa diippiloomaasii kamiinuu karra galaanaa akka ishee barbaachisu namni siyaasaa kun dubbataniiru.

Obbo Girmaan gaaffii Itoophiyaan buufata galaanaa barbaaddi jedhu irratti garaagarummaa tokkollee qabaachuu hin qabnu jedhaniiru.

Tolasaa Mabraateetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply