Duulli Talaallii Dhibee Kaansarii Fiixee Gadaammessaa Muddee 21-25tti turu ni eegalama – Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee

You are currently viewing Duulli Talaallii Dhibee Kaansarii Fiixee Gadaammessaa Muddee 21-25tti turu ni eegalama – Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee

AMN – Muddee 16/2017

Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee duula talaallii ittisa dhibee kaansarii fiixee gadaamessaa shamarran umriin isaanii waggaa 9 hanga 14tti jiraaniif Muddee 21 – 25tti kennuu eegaluuf ta’uu ibsa miidiyaaleef kenneen beeksiseera.

Duulli talaallii Kunis manneen barnootaa, buufatalee fayyaa fi Giddu-Gala tallaalliin itti kennamuuf yeroof qophaa’etti kan kennamu akka ta’e himameera.

Hoogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa talaallii kana kennuuf akka Magaalaatti qophiin barbaachisu hundi xumuramuu eeraani, shamarran umriin isaanii talaalliichaaf eeyyamu hundi akka argataanif hawaasni gahee isaa bahachuu qaba jedhaniiru.

Hooggaanaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalem Mulaatuu dhaloota fayyaa guutuu qabu horachuuf, talaallii ittisa dhibee kaansarii fiixee gadaamessaa shamarraniif manneen barnootatti keennamuuf deeggersa barbaachisu hunda taasisuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Leensaa Hordofaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply