AMN PLUS – Amajjii 12, 2017
Pireezdaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun Marsaa lammffaaf kan filataman Donaald J. Tiraampi har’a Sirna Kakuu raawwatu jedhamee eeggama.
Donaald Tiraampi akkuma Masaraa āWhite Houseā ol seenaniin sirna Kakuu raawwatuun ajajoota 200 kan mallatteessan taāuunis himameera.
Qondaaltichi akkuma yeroo duula filannoo godaantota hadheeffatanii balaaleffataa turan dhimma godaantotaa ijoo taasisuun akka kaasantu eeggama.
Osoo Tiraampi Masaraa hin seenin dura mormitoonnii fi deeggartoonni isaanii āWashington DCā hiriiraan dabaluun sagantichi gaggeeffama.
Haasaāa Jala bultii guyyaa Kakuu galuu dura Kaleessaa āWashington DCātti bakka deeggartoonni isaanii argamanitti taasisaaniin āAkkuman Masaraa āWhite Houseā ol seeneen hojiin koo jalqabaa godaantota biyyattii ari’uudhaā jedhaniiru.
Yoo godaantota biyyattii hin ariine hojiis akka hin eegalle kakataniiru.
āAjajaawwan Pireezdaantummaa gatii hin qabne kan bulchiinsaa Joo Baayideeniitiin mallatta’ee tures daqiiqota muraasa keessatti nan haqaā jedhan.
Namoomsaa Baalliitiin