AMN Plus- Onkololeessa 18/2018
Ministirii Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) har’a gaaffiilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebiifi ibsa ni kennu.
Manni Marichaa ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Dooktar Abiyyi Ahimad argamanitti ni taa’a.
Walga’ichaan haasawaa baniinsaa Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaaseen Fulbaana 26, 2018 walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii irratti taasisan hordofee gaaffilee miseensa mana marichaarraa ka’aniif Dooktar Abiyyi Ahimad deebiifi ibsa ni kennu.
Kana hordofees manni marichaa ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuun mooshinii deeggarsaa ni raggaasisaan eegama.
Adeemsi walga’ichaas tamsaasa kallattiin filmaatilee AMN Plus gara garaan isin bira ga’a. Nu hordofaa