MM Abiyyi Ahimad Giddugala Guddisa Daa’immanii Abdii Boruu eebbisan

AMN- Mudde 5/2017

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) Giddugala Guddisa Daa’imman Abdii Borii Oromiyaa eebbisiisaniiru.

Dooktar Abiyyi Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti Itiyoophiyaatti pirojektoota meeggaa ijaaramaa jiran cinaatti hojiileen jireenya lammiilee galii gadaanaa argatanii fooyyessuu hedduun gaggeeffameera.

Har’as michuu Itiyoophiyaa kan ta’an deeggarsa Pireezidaantii Gamtaa Emereetotaa Arabaa Sheek Mahaammad Biin Zayiid Alnahiyaaniin kan ijaarame Giddugalaa Guddisa Daa’imman Abdii Borii Oromiyaa eebbisiisuu dubbataniiru.

Giddugalichi daa’imman maatii hinqabnee fi rakkoo keessatti argaman guddisuu bira darbee agarsiistuu walta’iinsa biyyoota lameenii ta’uu himaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply