Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Fiigichi Guddichi Itoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti akka guddatuuf ni hojjenna jedhan.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, fiigicha jaallatamaafi waggoottan 25 darbaniif haala miidhagina qabuun gaggeeffamaa ture Fiigicha Guddaa Itoophiyaa eegalchiisneerra jedhan.
Fiigichi guddaan Itoophiyaa daa’immanii hanga gaheessotaa, atileetota piroofeeshinaalaa hanga garee fayyaa, namoota beekamoofi dippiloomaatota hirmaachisuun waggoottan 25’f magaalichatti haala ho’aa ta’een gaggeeffamaa akka tures yaadachiisaniiru.
Hirmaattonni dorgommichaa bashannanaa fayyumma isaanii ittiin eeggataa, akkasumas obbolummaafi walooma kan cimsan ta’uu eeraniiru.
Bulchiinsi magaalichaa yeroo itti aanutti dorgommichi akkuma dorgommiiwwan daandiirraa idil-addunyaa biroo akka guddatuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Qaamolee dorgommichi akka milkaa’uuf qooda bahatan hunda galateeffataniiru.