“Kaafamtoonni misoomaa naannoo Kaazaanchis turan har’a galgala kaazaanchisii haaraa misooma koriidariitiin jijjiirame daawwataniiru.
Hojii misoomaa arganiin gammaduu isaanii karaan ittiin ibsan immoo hojii itti aanuuf humna nuuf ta’eera.
Qaaliiwwan jiraattota keenya waliin mari’annee waliin hojjennee as geenyeerra.
Kaazaanchisiin miidhagdee akka haaraatti misoomte kan keessani. Aqaaqii galaan gurraanis keessani.
Finfinneen miidhagduu, qulqullooftuu taatee ijaaramuun dhalootaa har’aa fi boruuf boonichadha.
Yeroo hundaa koottaatii yaadannoo keessaniin itti gammadaa. Itti bashannanaa.
Kaazaanchis dhalootaaf kennaa, jiraattotaaf gammachuu akka ta’u fedhii fi tumsi keessan kan nurraa adda hin bahin isiniif dhugamatti galatni nuti isiniif qabnu olaanaadha.
Waaqni Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!”