AMN – Amajjii 7/2017
Fayyadamumma lammiilee mirkanneesuu fi misoomaa biyyaa guddisuun maqaa gaarii biyyaattii olkaasuuf milkaa’ina Paartii Badhaadhinaan argame itti fufsisuuf hunduu gahee isaa bahaachuu akka qabu Hojii Raawwachisaan Olaanaa Kutaa Magaalaa Qirkoos Dooktar Addisuu Shaanqoo himaniru.
Paartiin Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Qirqoos Yaa’ii Idilee 2ffaaf qophii dursaaf Waltajjii marii gaggeessaa jira.

Paartiin Badhaadhinaa jiruu fi jireenyi lammiilee akka fooyya’uuf hojjetaa kan jiru yoo ta’u daadhannoo “Waadaa hangaa Aadaa” jedhuun mul’ata qabatee hojii misoomaa hojjetamaa jiruun fayyadamumman lammiilee mirkaa’aa Jiraachuu Hojii Raawwachiisichi ibsaniiru.
Seenessa Waloo cimsuun obbolummaa, waliin jireenya, wal qixxummaa fi fayyadamummaa lammiilee mirkanaa’aa jiruun milkaa’inii guddaa argamaa jiraachuus himaniiru.
Milkaa’ina gama hundaan argame Kanas daran itti fufsiisuuf miseensotaa fi gaggeessitoonni sadarkaa adda addaa irra jiran gahee isaanii bahaachuu akka qabanis himaniru.
Hojii namoomaa fi pirojektoota gurguddoo irrati hojjetamaa jiruun fayyadamummaan lammiilee mirkanaa’aa jiraachuu itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Qirkoos Obbo Adafris Korraa himaniiru.
Miseensonni paartichaa yaa’ii idilee lamaffaa irratti hirmaatanis filatamaniru.
Dirribaa Yaadataatu gabasee