Feestivaalli Ispoortii barattoota Yuunivarsiitii mootummaa hirmaachisu irra deebiin eegaluufi

AMN PLUS -Amajjii 13/2017

Feestivaala Ispoortii barattoota Yuunivarsiitiiwwan mootummaa gidduutti gaggeeffamaa turee fi waggoottan muraasaaf adda citee ture irra deebiin eegalchiisuuf qophiin xu.uramuu himame.

Waldaan Ispoortii Barattoota Yuunivarsiitoota Itoophiyaa fi Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee dhimmicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru.

Sababa dhibee Koronaa, rakkoowwan siyaasaafi kaalaandarii walfakkaataa uumuu dhabuu Yuunivarsiitiiwwaniin dorgommichi waggoota muraasaaf adda citee turuun isaa ni yaadatama.

Dorgommichi qopheessummaa Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneen Sambata irraa eegaluun kan gaggeeffamu yemmuu ta’u, gosoota ispoortii 5 ispoorteessitoonni Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa 49 irraa ni hirmaatu.

Dorgommiiwwan kana dura adeemsifaman irraa bu’aa hedduun argamuu kan himan Pirezidaantiin Waldaa Ispoortii Barattoota Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa Obbo Abbaay Balaayihuun, bara kanas ispoortii biyyattiif seenaa bu’uuraa ol ka’uuf hojjechaa jiraachuu himani.

Ispoortiin damee tokkummaa fi hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti shoora olaanaa qabuu ta’uu kan himan Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee Dr. Darajjee Ingidaa, barattoota Yuunivarsiitiiwwan garaagaraarraa dhufan bifa hoo’aa ta’een simachuuf qophii hunda xumuruu dubbatani.

Dachaasaa Dhaabitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply