‎Finfinnee faayamte, ija Turistootaan

You are currently viewing ‎Finfinnee faayamte, ija Turistootaan

‎AMN PLUS – Fulbaana 27/2018

‎Deevid Filiips yeroo jalqabaaf Finfinnee kan dhufan bara 2007 ture. Barana jechuunis waggoota 11 booda bara 2018 deebi’anii Finfinnee dhufan.

Jijjiiramnni argaman hamma samiifi lafaa Wal irraa fagaachuu isaa yoo ibsan, “Finfinneetti jijjiirama ajaa’ibaan arge” jedhan.

‎Hayyuun Yunaayitid Kiingdam irraa dhufan kun rakkoo qulqullina magaalaan wal qabatee daawwannaa isaanii jalqabaan waan taajjabanii deebi’an hin dhoksine.

Fooliin namattin tolleefi kosiin bakkaa bakkatti gatamee argamaa ture, amma jijjiiramee waan arganiif, “Kuni ajaa’iba” jedhan.

‎Keessumaa misoomni qarqara laggeeniin qalbii isaanii harkisuu himuun, “baay’eema na ajaa’ibe” jechuun ibsaniiru.

‎Hayyuun biraa Israa’el irraa dhufan Geediyoon Bohaak, “misoomni qarqara laggeenii hojjatameefi hojjatamaa jiru baay’ee nama hawwata” jechuun ibsaniiru.

‎Hojiiwwan misoomaa qarqara laggeenii irratti ammallee hojjatamaa jiran yoo xumuraman, Finfinneen caalaattuu akka faayamtu abdii qaban ibsan.

‎”Misooma Finfinnee yeroo ammaa kana sirriitti ilaaluu danda’eera. Daa’imummaa kootti bara mootii Hayilasillaasee carraa Finfinnee daawwachuu argadheen ture” jechuun dhiyeenya Waggoota muraasa keessatti hojii akkasii hojjachuun salphaa miti. Aarsaa guddaa gaafata. Kana hojjachuun tooftaa guddaa barbaada” kan jedhan ammoo tuuristii Yunaayitid Kiingidam irraa dhufan Istaalivan jedhamanidha.

‎Hayyootni osoo Finfinnee daawwatanii arginee dubbisne kanneen akkuma ofiinuu caqasan biyyoota garaa garaa irraa kan dhufan too ta’u, ogummaan isaaniis Seenaa, Arkiyooloojiifi saayinsii hawaasaa fa’i akka ta’e AMN’f ibsanii jiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply