AMN- Sadaasa 12, 2017
Finfinnee qulqulluufi miidhagduu taate ni dhugoomsina jedhan Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Hundeeffama Waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa sababeeffachuun Duulli qulqullinaa Kutaa Magaalaa Qirqoositti gaggeeffameera.
Duulli Kunis mata duree “Seenessi keenya Finfinnee qulqulluu taasisuudha” jedhun gaggeeffame.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee duula qulqullinaa kanarratti argamuun haasaa taasisaniin, Finfinnee qulqulluufi miidhagduu taate ni dhugoomsina jedhaniiru.
Hawaasni qulqullinaa aadaa taasifachuun yeroo mara naannoo isaa akka qulqulleessus dhaaman.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase