Magaalaan Finfinnee Aadaa, Amantaafi Eenyummaa Saboota magaalitti keessa jiraataniif dursa kennuun akka beekamtu Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir ibsan.
Manni Maree Magaalaa Finfinnee Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaaf Magaalaa Hosa’aanaatti kabajamuu ilaalchisuun Abbootii Amantaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Dargaggoota, naannolee hunda irraa dhufan waliin mari’achaa akka jiru ibsameera
Kaayyoon marii kanaas walitti dhufeenya Sabootaafi Sablammootaa cimsuun akkasumas tokkummaa isaanii cimsuun qormaata mudachuu danda’an waloon injifachuuf humna akka ta’es Aadde Buzeenaan ibsaniiru.
Baroota jijjiiramaa kana Seenaa waloo ijaaruuf bu’urri kaa’ameera kan jedhan Aadde Buzeenaan, Hidhi Haaroomsaa guddichi Itoophiyaa agarsiiftuu guddaa keessaa isaa tokko akka ta’es ibsaniiru.
Mootummaan fayyadamummaa Sabootaafi Sablammootaa mirkaneessuuf hojiin eegalame akka itti fufu ibsuun, naannoolee biyyatti hunda keessatti Pirojeektonni gurguddoon ijaaramaniifi ijaaramaa jiran agarsistuu akka ta’es kaasaniiru.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.