AMN Plus- Onkoloolessa 21/2018
Finfinneen magaalota Afiriikaa keessaa bakka tajaajilli si’aataafi fakkeenyummaa qabu itti kennamu uumuudhaaf hojjechaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Paabilik Sarviisii fi Misooma Humna Namaa Magaalaa Finfinnee Obbo Baqqalaa Tamasgeen himan.
Finfinneen galmaafi mul’ata keewwatte milkeessuuf mudhii hidhattee hojjechaa jirti kan jedhan Obbo Baqqalaan, dhaabbilee hojimaata nama dhuunfaa irratti hin rarraaneefi hundeen isaa gadi fagaate diriirsitee jiraachuu Ijoo Dubbii AMN Plus irratti ibsaniiru.
Bara 2016 irraa eegalee riifoormii adda addaa hojjetamaa turuu kaasanii, tokko keessaa tekinooloojii rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuun malammaltummaa hir’isuufi dhamaatii uummataa hambisu diriirsuu kaasaniiru.
Waliigalaan magaalaa Finfinnee keessatti dhaabbilee mootummaa 354 ta’an teekinooloojiin deeggaramanii tajaajila kennaa jiraachuu kaasan.
Kanneen keessaa gara dhaabbilee 80 kan ta’an namni biyya alaafi biyya keessa jiru manumasaa taa’ee osoo gara Waajjira mootummaa hin dhaqin tajaajila barbaadu akka argatu tasifamee jiraachuu himaniiru.
Finfinneen tajaajila wiirtuu tokkoon dhaabbilee 13, dhaabbilee faayinaansii 2 fi dhaabbilee Federaalaa 3 ta’an gara Masoobitti galchuu dubbatan.
Kutaa Magaalaa Araadaatti tajaajiloota 107, Boolee irrattis tajaajila 96 hojii eegaluu himaniiru.
Akkasumas kutaalee Magaalaa 11 irrattis yeroo gabaabaa keessatti ijaaramee akka hojiirra oolu kantiibaan magaalaa Finfinnee kallattii kaa’anii jiraachuu himaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin
 
								 
 
							