AMN – Amajjii 3/2017
Finfinneetti ji’oota jahan darbanitti dargaggoonni kuma 112 olii leenjii koodarsii irratti hirmaachaa jiraachuu isaanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Waajjirri Misooma Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.
Yaada Burqisiisuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (Dooktar) tiin Bitootessa 2016 irraa eegalee lammiilee miliyoona 5 ta’aniif ogummaa dijitaalaa akka argataniif Inishiyeetiivii Koodarsii hojiirra oolfamaa jira.
Leenjichiin kennamaa jiru Finfinnee dabalatee naannolee fi bulchiinsa magaalota hundaa keessatti dameewwan saayinsii daataa, sagantaa kompiitaraa, Andirooyidii moobaayilaa fi sammuu namtolchee kan hammateedha.
Itti Gaafatamaan Waajjira Misooma Innooveeshinii fi Teeknooloojii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Solomoon Amaaree akka jedhanitti, leenjiin koodarsii Finfinneetti pirojektii magaalaa Ismaartii dhugoomsuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Keessattuu ogeessota beekumsaa dijitaalaa fi dandeettii qaban oomishuuf murteessaa ta’uu eeraniiru.
Bara baajataa 2017 irraa kaasee hanga Muddee 30tti dargaggoonni kuma 112 ol, leenjii koodarsii irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.
Isaan keessaa dargaggoonni hanga kuma 30 ta’an leenjicha kana milkaa’inaan xumuruun waraqaa ragaa argachuu isaanii dubataniiru.
Bulchiinsa magaalichaa Dhaabbileen tajaajila kennan sirna teeknooloojiitiin akka walitti hidhamiinsa qabaatan taasifamuu isaanii eeruun, leenjii tajaajilaa kenniinsa koodarsii bu’a qabeessaa fi ammayyaa ta’e kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Biiroo Pablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Finfinnee waliin ta’uun ogeessota tajaajila kennitootaaf leenjiin koodaroota Itoophiyaa eegalamaa jiraachuu TOIttu gabaase.