Barattoota sababa misooma kooriidariin bakka jireenyaa jijjiirratan dhamaatii tokko malee galmeessuun barnoota akka eegalan taasifameera- Biiroo Barnootaa Finfinnee

AMN- Onkololeessa 26, 2017

Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2017 Biiroo Barnootaa Finfinnee qorachaa jira.

Kurmaana jalqabaatti barattoota sababa misooma Kooriidariin bakka jireenyaa jijjiirratan dhamaatii fi haal-duree tokko malee galmeessuun barnoota eegalchiisuun hojiin milkaa’aan hojjetamuu himameera.

Biirichi kenninsa tajaajilaa fooyyessuufi amayyeessuu dabalatee qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf riifoormii gaggeessee hojiitti galuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu miseensota mana marichaaf ibsaniiru.

Akkaataa sirna Barnootaa haaraa baheen leecalloowwan barbaachisan tooftaalee garaagaraa fayyadamuun manneen Barnootaan gahaa jiraachuu kan himan Dr. Zalaalam, hoggansa barnootaafi barsiisotaas gahoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru abdi qabeessa ta’uu eeraniiru.

Kurmaana jalqaba

Hojiin Barnootaa akkaataa karoorfameen akka milkaa’uuf sirni deeggarsaafi hordoffii Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Biirichaaf taasisaa jiru ol’aanaa ta’uus Dr. Zalaalam himaniiru.

Walittiqabduun Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee

Aadde Zeyinabaa Shukur, magaalaan Finfinnee kenninsa tajaajilaa fooyyessuufi hojimaata badaa hambisuuf xiyyeeffannoo guddaa hojjechaa jiraachuu himan.

Damee Barnootaan hojiileen riifoormii eegalaman ciminaan akka itti fufanis akeekaniiru.

Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply