Fiyooreentiinoo Peerez Riyaal Maadiriid Arsenaal yoo kuffise tokkoon tokkoon taphattootaaf badhaasa qopheessuu himan

You are currently viewing Fiyooreentiinoo Peerez Riyaal Maadiriid Arsenaal yoo kuffise tokkoon tokkoon taphattootaaf badhaasa qopheessuu himan

AMN PLUS-Ebla 08 /2017

Morkiin qalbii addunyaa hawwate taphni Riyaal Maadiriidii fi Arsenaal galgala kana xumura argata.

Arsenaan har’a galgala Maadiriid yoo injifate, waggaa 15 booda yeroo jalqabaaf walakkaa xumuraaf gaha.

Tapha marsaa jalqabaan galchii 3 fi 0 kan injifatame Riyaal Maadiriid guyyaa injifatame irraa eegalee qabxii kana jijjiiruuf xiiqii keessa galee jira.

Taphataan sarara gidduu kilabichaa Jude Bilingahaam ‘galgalli har’aa kan Maadiriidi’ jechuun dhaadateera.

Dhaadannoon kuni kan Bilingahaam qofaa miti, yaada taphattootaa fi deeggartoota kilabichaa hundaati.

Gama biraan sarara ittisaa cimaa kan qabu Arsenaal galchii lamaa ol erga itti lakkaa’amee, guyyoonni 497 lakka’amaniiru.

Loosbilaankonni qabxii kana yoo jijjiraan riikoordii kanallee ni cabsu.

Gama biraan Riyaal Maadiriid galchii sadii itti lakka’amee goolii 4 ol lakkoofsisee qabxii erga jijjiiree waggaa 40 ta’uun isaa morkii garee lamaanii adda taasisa.

Fiyooreentiinoo Peereez taphattoonni Maadiriid qabxii kana yoo jijjiiran kennaan addaa akka isaan eeggatu waadaa galaniiru.

Tapha Atileetikoo Maadiriid waliin taasisaniin qabxii jijjiranii nuusa xumuraa wayita gahanitti,tokkoon tokkoon taphattootaaf paawundii kuma 200 fi kuma 50 gumaachuun isaanii ni yaadatama.

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply