Gaaziin Uumamaa Faayidaa Industirii fi konkolaataaf akkamiin oola?

You are currently viewing Gaaziin Uumamaa  Faayidaa Industirii fi konkolaataaf akkamiin oola?

AMN PLUS- Fulbaana 29/2018

Itoophiyaan Naannoo Somaalee bakka Kaalub jedhamutti Warshaa Oomisha Gaazii Uumamaa Ogaaden waggaatti gaazii uumamaa liitira Miliyoona 100 fi Miliyoona 11 oomishuu danda’u torban darbe keessa eebbisiisteetti.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ijaarsa warshaa gaasii uumamaa marsaa 2ffaa wayituma kana kan jalqabsiisan yoo ta’u kunis liitira Biliyoona Tokkoo fi Miliyoona 300 ol oomishuu akka danda’u ibsanii turan.

Isaan keessaa tokko konkolaataawwan gaazii uumamaa fayyadamaniif kan oolu akka ta’e eeraniiru. Faayidaan inni biraa ammoo Indastiriiwwaniif akka oolus ibsanii turan.

Gaaziin uumamaa maali?

Akkamiin konkolaataafi indastiriif oola yaadota jedhan irratti odeeffannoowwan madden garaa garaa irraa walitti qabanne isiniif dhiyeessina.

Gaaziin uumamaa albuudota lafa jalatti argaman keessaa tokko yoo ta’u, gosoota albuudaa biroo kanneen akka dhagaa cileefi boba’aa uumamaan jiru “Crude oil” jedhamee beekamu waliin argama. Isaan kun sadan bakka tokkotti “Fossil Fuel” jedhamuun beekamu.

Gosoota gaazii uumamaa kanneen akka Miteenii, Iteenii, Buteenii fi Piroopeenii yoo jiraatan, baay’inaan kan argamuufi hojiirra oolu Miteeniidha.

Gaazii Uumamaa kanaaf warshaan ijaaramee, wantoota garaa garaa irraa akka qulqullaa’u taasifamuun kuusaawwan qopheeffaman keessatti bakka tokkotti akka turu taasifama. Sanaan booda warshaaleen oomishoota garaa garaaf fayyadaman mala geejjibsiisa adda addaan gara warshaalee kanneeniitti akka geejjibsiifaman ta’uun madda anniisaa ta’uun kan fayyadanidha.

Haaluma kanaanis, warshaalee akka waraqaa, daawwitiifi sibiilaaa keessatti akka madda anniisaatti baay’inaan hojiira oola.

Warshaaleen akka qorichaa fi meeshaalee wal’aansa qorichaa, meeshaalee miidhaginaa, pilaastikiifi kanneen biro anniisaa olaanaa barbaadanis gaazii uumamaa kanatti dhimma bahu.

Imala gara Hawaatti taasifamuuf anniisaa gaazii uumamaa irraa maddu kanatti fayyadamuun akka danda’amu ragaaleen ni agarsiisu. Rakkoo fayyaa ijaa jaamummaa fiduu danda’u, moora ijaa “Cataract” jedhamu yaaluuf illee ogeessotni akka fayyadaman himameera. Xaa’oo oomishuuf illee anniisaan gaasii uumamaa irraa argamu galtee guddaadha.

Gaazii Uumamaa Konkolaataaf akkamitti fayyadamna?

Faayidaan gaaziin uumamaa kennu inni biraan dame geejjibaa keessatti boba’aa konkolaataa bakka bu’ee tajaajila kennuudha. Kunis, erga gaaziin uumamaa kun raabsaawwan boba’aa, gaazii uumamaaf qophaa’anitti mala teekinooloojiin deggerameen akka kuufamu taasifame booda konkolaataawwan gaasii uumamaa fayyadaman, Natural Gas Vehicles (NGV) jedhamaniif kan oolu ta’a.

Konkolaataawwan kunneen kan gaasii uumamaa qofa fayyadaman (Dedicated Vehicles), akkasumas kan gaazii uumamaas boba’aa biraas fayyadaman (Mixed Fuel) fayyadamuu danda’u.

Akkuma konkolaataan biraa boba’aa guuttatutti buufataalee boba’aa qophaa’an irraa akka guuttatan taasifama. Konkolaataan gaasii uumamaa qofa fayyadamu, Kuusaa boba’aa tokko innis kan gaasiif oolu qofa qabaata.

Itoophiyaanis konkolaataawwan gurguddoo boba’aa fayyadaman gara biyya keessaa akka hin seenne kan dhorkuuf jirtu yoo ta’u, kana booda gaasii uumamaa kanatti fayyadamuun, baasii guddaa bittaa boba’aaf oolu hir’isuuf karoorfamuu beekameera.

Konkolaattotni NGV akka hojiitti seenanis sochiileen taasifamaa akka jiran ni beekama.

Gaaziin uumamaa KG 1’n ukkaamfamee (Compressed) ta’e konkolaataan gaasii kana fayyadamu KM 34 ol akka deemu anniisaa akka kennu taasisuun isaas qorattootaan ibsameera.

Kanaafuu, faayidaan inni guddaan boba’a kana fayyadamuun argamu baasii mootummaan akka biyyaatti boba’aa bituufi deggersa sektarichaaf taasisu hir’isuu akkasumas baasii boba’aaf ba’u hanqisuun namootallee dhuunfaan ni fayyada.

Biyya keessatti oomishamuu isaan ammoo hanqina anniisaa warshaalee keessatti mudatu furuun warshaaleen gatii madaalawaan argatanii oomishtummaa isaanii akka daran guddisan taasisuun diinagdee biyyaatiif gumaacha guddaa qaba.

Gaaziin Uumamaa, “Green Gas” boba’aa magariisa jedhamee kan waamamu yoo ta’u konkolaattotni gaazii fayyadaman aarri isaan naannootti gadi lakkisan waan xiqqaatuuf faalama qilleensaa hir’isuun rakkoo jijjiirama qilleensaa yaaddoo addunyaa ta’e xiqqeessuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabu ibsameera.

Oomisha gaasii uumamaa eegaluu isheen maqaan ishee sadarkaa idil-addunyaatti waamamaa yoo jiraatu, Itoophiyaan marsaa 2ffaan warshaa calaltuu boba’aa uumamaa yoo xumurtu ammoo carraawwan guddinaa hedduu badhaadhina biyyattii mirkaneessan fidee akka dhufu gamanumaa tilmaamuun nama hin dhibu.

Maddi: CNG, MET Group fi Worldometer

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply