Hubannoo hawaasni Teeknooloojii Nikularaa irratti qabu cimsuun barbaachisaa ta’uu Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojiitti Ogeessi Humna Nikularaa Injinar Ashabbir himan.
Itoophiyaan sochii haaraa gabbisa teeknooloojii nikularaa dhimma misoomaa qofaaf oolu jalqabuuf kan jirtu ta’uu, Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimad Wayita hidha haaromsa guddichaa eebbisiisan ifoomsuun isaanii ni yaadatama.
Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojiitti ogeessi humna nikularaa Injinar Ashabbir Tasfaayee turtii AMN Plus Waliin taasisaniin nikularri gosoota hedduu qabaachuu ibsuun gabbisni nikularaa Itoophiyaan eegaluuf jirtu faayidaa gam-hedduu qaba jedhan.
Humna ibsaa qulqullina qabu dhiyeessuun cinaatti, bishaan dhugaatii qulqulleessuu, sanyii filatamaa qopheessuu, tursiisa nyaataafi omishoota garagaraaf oolchuu, qulqullina meeshaalee ijaarsaa ittiin too’achuufi albuuda baasuu, akkasumas yaala dhibeewwan kaansariifi hanqina nyaataan dhufan wal’aanuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu ibsan.
Kana malees qorannoo fi qo’annoo garagaraa gaggeessuu keessatti bu’aan teknooloojiin nikularaa qabu olaanaa ta’uu dubbatan.
Kunis guddina hawaas diinagdee Itoophiyaaf hiika guddaa qabaachuu himaniiru.
Faayidaa teeknooloojiin kun kennurratti hubannoo bal’aa uumuun barbaachisaa waan ta’eef hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Darajjee Bayyanaatu gabaase