Bishooftuu caalaatti magaalaa Konfiransii Turizimii taasisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiru

You are currently viewing Bishooftuu caalaatti magaalaa Konfiransii Turizimii taasisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiru
  • Post category:Itoophiyaa

Bishooftuu caalaatti magaalaa Konfiransii Turizimii taasisuuf hojiiwwaan misoomaa hedduun hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Itti aanaan Kantiibaa magaalichaa obbo Gazzaany Dajanee, magaalaan Bishooftuu magaalaa tursitoonni biyya keessaa fi alaa baay’inaan daawwatanidha jedhan.

Turistoonni magaalicha daawwachuuf dhufan magaalicha keessa yeroo dheeraa akka turaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Dabalataan qabeenya uumamaa hawwatoo ta’an kan magaalittiin qabdu fayyadamuun magaalaa Konfireenis Turizimiif filatamtuu akka taatuuf hojiiwwan misoomaa hedduun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Keessayyu bakka gahumsa turistootaa misoomsuufi sadarkaa isaanii fooyyeessuu akkasuma haala kennisa tajaajilaa jiru ammayyeessuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hojiin kunis qindoomina mootummaafi damee dhuunfaan hojjetamaa kan jiru ta’uu eeraniiru.

Hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaas waliin gahinsa daandii aspaaltii, tajaajila elektirikiifi bishaanii babal’isuun kan eeramudha jedhaniiru.

“Waliigalaan akka pirojeektiitti naannoo birrii biliyoona 4 invasti gochuun hojjechaa jirra” jedhaniiru.

Ayyaanna Irreechaa waggaatti yeroo tokko haroo magaalichaa keessaatti argamu Hora Arsadiitti geggeeffamus maqaa gaarii magaalichaa ijaaruun cinaatti magaalichaaf madda galii guddaa waan ta’eef kana caalaatti cimsuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru.

kanaafis Pirojeektoonni hedduunis qophaa’anii jiru jedhaniiru.

Magaalaan Bishooftuu bal’ina lafaa heekataara kuma 62 irratti kan argamu yoo ta’u kutaa magaalaa 3fi aanaalee 10 kan of keessaa qabdu ta’uu TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review