AMN PLUS- Guraandhala 5, 2017
Waanca Afrikaa bara 2026f tapha gulaalloo Yugandaa waliin kan ramadame Gareen Biyyaalessaa dubartoota Itoophiyaa tapha michoomaa Istadiyemii Abbabaa Biqilaattii Jibuuti waliin tasisee goolii 10-0’n injifate.
Lusiwwaan haanga boqonattii qofa gooliwwan 7 garee faallaa isaanii irratti lakkoofsisaniiru.
Seenaaf Waaqumaa tapha kana irrattii haanga daqiqa 34 qofattii taphachuun goolii 2 lakkofsisuu dandesseetti.
Luusiiwwaan maarsa itti aanuun Dorgommii calallii Waanca Dubartootaa Afrikaan Yugandaa waliin kan falmatan ta’a.
Rabbirraa Hirphaan