Giddugalli AI yaadama ‘hin danda’amu’ jedhamu jijjiireera- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Giddugalli AI yaadama ‘hin danda’amu’ jedhamu jijjiireera- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Sadaasa 8/2018

‎Itoophiyaan dandeetti qabduun hojii ajaa’ibaa hojjechuu akka dandeessu Waajjirri olaanaan Inistitiyuutii Artefishaal Intalijansii Itoophiyaa agarsiistuu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

‎”Kaleessa Finfinnee xurooftuufi foolii badaan beekamti. Namoonni baay’een Finfinneen alaa baanee magaalaa biraa haa ijaaramuu jennaan didnee, Magaaluma Finfinnee haaroomsutti kanee, xumuramuus baatu waan gaarii irraa gahaa jirra” jedhan Dooktor Abiyyi

‎Dhaabbileedhaaf dirqama ijaarsaa biraa ijaaruu osoo hin taanee gamoowwan jiran haaromsuun tajaajilaf banaa taasisuun akkasumas tooftaa fayyadamuun bareechuun akka danda’amu dubbataniiru.

Daawwannaa isaaniin waan lama akka isaan gammachiise kan himan Dooktar abiyyi, tokko teeknooloojii (immerse)” akka ta’e dubbachuun, innis biyyoota baay’ee keessatti hedduminaan mul’achuu baatus teeknooloojichi akka jiru ibsaniiru.

‎Itoophiyaan yeroo gababaa kana keessatti teeknooloojii immerse ni qabaatti jedhee yaadee hin beekuu kan jedhan Dooktor Abiyyii, teeknooloojichi dargaggootaaf baay’ee murteessaa akka ta’e ibsan.

‎”Teeknooloojiin immerse filmiin hojjetame laaluu qofa osoo hin ta’in sochii fuudhe galaana keessa nama galchu, bishaan namatti facaasuufi samii keessa nama geessuun miira addaa kan namatti agarsiisuudhas” jedhaniiru.

‎Dargaggoonni kan ilaalanii guddatan waan baay’ee uumuu akka danda’anis ibsaniiru.

‎”Haadni 2ffaan baay’ee na dinqisiise ‘AI Start up center’ ” kan jedhan Dooktor Abiyyi muuxannoo isaa Faransaayi deemanii akka daawwatan ibsaniiru.

‎Yaadni ‘AI Start up Center’ kunis yaada namootaa walitti qabuun erga waldorgomsiisanii booda pirojektii guutuu taasisuun yaalii erga adeemsisani eebbisanii gadi baasuu akka ta’es ibsaniiru.

‎Itoophiyaa keessattis yaada dargaggoota walitti qabuun iddoo hojii, biiroo, kompiteeraafi intarneetii qabu qopheessun yaada isaanii qindeessanii kampaanii dhunfaatiin walqunnamsiisuun waan salphaa akka hin ta’inis eeraniiru.

‎Haalli kunis mootummaan ta’e jedhee dargaggootarratti hojjechu akka qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.

‎Giddu galli AI kunis yaada duraan Itoophiyaafi Afrikaa keessatti “kun hin danda’amu” jedhamee yaadamu san hambisuu akka danda’e Dooktor Abiyyi ibsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply