AMN – Sadaasa 2/2017
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsotti miseensonni ABO Shanee gochaa badii hawaasa irratti raawwachaa turanitti gaabbun meeshaa waraanaa guutuu waliin harka kennataa jiraachuun ibsame.
Miseensonni garichaa kunniin daandii dogoggoraa irra akka turaniifi hawaasa isaanii irrattis miidhaa guddaa qaqqabsiisaa akka turan ibsuun, gochi raawwachaa turaniis sirrii akka hin turre hubachuun waamicha nagaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa taasiseef fudhachuun daandii karaa nagaa akka filatan odeeffannoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa irra argame ni mul’isa.