AMN PLUS- Guraandhala 23/2017
Giddugalli Konvenshinii Idil-addunyaa Addis Magaalaa Finfinneef madda qabeenyaa adda hincinne kan uumuu akka ta’e Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Giddugalli kun bakka Muummichi Ministeera Abiyyi Ahimad (Dr.) argamnitti eebbifameera.
Giddugalli Konvenshinii Idil-addunyaa Addis,ijaarsa miidhaginaa fi hawwattumma tuuristiitiif giddugala gahee guddaa akka taphatuu aadde Adaanech ibsaniiru.

Giddugalichi konfaransii idil-addunyaa, marii fi waliigaltee diinagdee, waltajjii aadaa fi egzibiishinii garaagaraa keessummeessuuf akkasumas yaadotni haaraan kan itti burqan fi waliigalteeleen daldalaa fi diinagdee kan itti guddataniidha jedhaniiru.
Giddugalli konvenshinii idiladdunyaa Addis bakka qophiileen alaa itti keessummeeffamu kaaree kuma 15 kan qabu,hoteela ammayyaa abbaa urjii 5, reestoraantota, bakka tajaajiloonni Ispoortii, fayyaa,bashannanaa fi kanneen biroo itti kennaman kan of keessatti hammate giddugala guddaa akka ta’e aadde Adaanech himaniiru.
Kana malees, iddoo dhaabbii konkolaataa yeroo tokkotti hanga 2000 dhaabuu dandeessisu kan qabu yoo ta’u paarkii lammii fi kallattiin daandii xiyyaaraatiin kan wal qunnamsiisu bu’uurri misooma daandii bal’aa giddugalichaan wal qabatee xumuramuu irratti akka argamu eeraniiru.
Giddugallu kun diinagdee magaalatti kan kakaasu, carraa hojii bal’aa kan uumu irra darbee keessummoonni yemmuu dhufan rakkoo takko malee tajaajiloota hundaa bakka tokkotti akka argatan ta’e kan hojjetamee ta’u dubbataniiru.