AMN PLUS – Amajjii 02/2017
Finfinneetti Guyyaatti lammiileen miiliyoona sadii ol tajaajila geejibaa argachaa jiru jedhe Biiroon Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee.
Biirichi Ministeera Geejjibaafi loojistiksii waliin qindaa’uun dhaabbilee damee geejjibaa naannoolee irraa dhufaniif muuxannoo qoodaa jira.
Waltajjii muuxannoo qooduuf gaggeefamaa jiru irratti tajaajila geejibaa magaalaa ammayyaawaa fi si’ataa gochuuf hojiilee hojjetaman ilaalchisuun barreeffamni qorannoo dhihaachaa jira.
Barreeffama qorannoo dhihaateen baay’ina konkolaatotaa Itoophiyaa keessatti argaman keessaa harki 50 Finfinneetti argamu jedhameera.
Kanaafis tajaajila mijataa kennuuf hojiileen muuxannoo ta’uu danda’an hojjetamaa turuun himameera.
Guyyaattis Finfinneetti lammiileen miiliyoona sadii ol tajaajila geejjibaa argachaa jiraachuu barreeffama dhihaateen eerameera.
Hojii damee geejjibaa ammayyeesuu fi teekinooloojii hojiirra oolchuuf hojii hojjetamaa jiruun hanga ammaa konkolaattonni elektirikiin socho’an kuma 12 fi 450 Finfinneetti tajaailaa akka jiranis ibsameera.
Itsagannat Damisseetu gabaase