Kantiibaa Adaanech qophii dursaa Yaa’ii Gamtaa Afriikaa qopheessuuf taasifamaa jiru gamaggaman

AMN- Mudde 14/2017

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afriikaa 38ffaa milkiin keessummeessuuf qophii duraa taasifamaa jiru gamaggamaniiru.

Teessoo Afrikaa, Dippiloomaatoota Addunyaa fi Asxaa sabdaneessuummaa kan taate Finfinneen yaa’ii seenaa qabeessa kana haala fooyya’aan keessummeessuuf qophii barbaachisu taasiifamaa jiraachuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Keessummoota kanneen akkaataa aadaa fi namuusa Itiyoophiyaanoonni keessummaa simachuun beekamaniin simachuuf jiraattoonni magaalichaa itti gaafatamummaa isaanii akka bahanii Aadde Adaanech waamicha dhiyeessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply