AMN- Muddee 12/2017
Hariiroon Itoophiyaafi Fraansi waggoota 190 duubatti nu deebisa. Bara Buulchiinsi waloo hin jirre, Mootoleen walirratti duulan san ‘Zamana Masaafint’ keessa.
Bara 1836 (ALA) waliigateen Walabummaa walii kabajuu, Mootii Fraansi fi Bulchiinsa Walakkeessa Itoophiyaa (Shawaa) waliin mallattaa’e.
Ergasii hariiroo ifaan biyyoota lameenii Waliigaltee daangaa Itoophiyaafi Bulchiinsa Fransi Somaaliilaandi kan Jibuutii ammaa gidduu kabaju bara1897tti erga mallattaa’ee booda eegalame.
Waqtii Itoophiyaan koloneeffattoota akka Itaalii, Fraansiifi Impaayera Briiteeniin marfamtee turtetti bulchiinsi fi walabummaan ishee akka kabajamu waliigalteewwan mallattaa’an keessaa kun isa ijoodha.
Waqtii kana Itoophiyaan karra galaanaa argachuun isheef salphaa hin turre. Kaabaan Itaaliin Eertiraa bulchiti, Bahaan Fraansi Somaaliilaandifi Jibuutii qabatteetti, Kibbaan ammoo Briteen Somaaliyaa fi Keeniyaa qabattee turte.
Addunyaa waliin walarguuf karra kan dhabde Itoophiyaan daandii baaburaa mootummaa Fraansi waliin ijaaruun qarqara buufata doonii Jibuutii dhaqqabuu feete.
Waliigaltee bulchiinsa Mootummaa Fraansi waliin irra gahameenis bara 1907tti Imbaasiin Fraansi Finfinneetti akka ijaaramuuf lafti kenname.
Ijaarsi daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutiis baruma sana 1907 dhaabbata Fraansi kan Anglo-French bu’uura misoomaa diriirsuun eegalamuun 1917tti goolabame.
Hariiroon Itoophiyaafi Fraansi ergasii caalmaan cimaa adeeme. Jaarraa tokkoo oliif qaawwi ulaa galanaa kun diinagdee Itoophiyaa haalaan utubees ture.
Waliigalteewwan diinagdee, diiploomaasiifi aadaa biyyootni lamaan walii mallatteessuun bara 1947tti Mana Barumsaa Yaadannoo Dajjaazmaach Gabramaariyaam Gaarii Fraansi Finfinneetti hundeessite.
Pirezidaantiin FDRI duraanii Saahilawarqi Zawudeen Mana barumsaa kanatti baratan.
Moodeeliin addunyaa Liyaa Kabbadaafi Wellistuu Beetii G akkasumas Sheef Yohaannis manni barumsaa kun oomisheera.
Kana malees Dirre Dhawaatti mana barumsaa Tumsa Itiyoo-Fraansi akkasumas, Giddugala Qorannoo Itiyoo-Fraansi Finfinneetti hundeessiteetti.
Yeroo dhiyoollee dureewwan Fraansi Finfinnee haalaan daawwachuun tumsa obbolummaa cimsaa turaniiru. Bara 2011 baatii Amajjii keessa Niikolaas Saarkooziin as turan.
2013 ammoo Firaansoo Hoolaandeen Finfinneetti daawwannaa taasisaniiru. Pirezidaanti Imaanu’eel Maakroon ammoo bara 2019 baatii Bitootessaa keessa daawwanaa guyyoota 2f Finfinnee turan.
MM Dr Abiyyi Ahimadis bara 2018 Paariis daawwataniiru. MM duraanii Hayilamaariyaam Dassaaleny yeroo 3f Paarisitti argamuun yaa’iiwwan gara garaarratti hirmaachuun Fraansi daawwataniiru.
Gama diinagdeenis biyyoonni lameen hariiroo daldalaa cimaa qabu. Waljijjiirraan daldalaa isaanii doolaara biiliyoona walkkaa ceheera.
Bara 2017- 2022tti Itoophiyaan oomishaalee gara Fraansiitti ergitu %22’n dabaleera. Bara 2022tti qofaa oomisha doolaara miiliyoona 100f miiliyoona 16 baasu gara Fraansi ergiteetti. Kana keessaa bunni qofa doolaara miiliyoona 41 haguuga.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa maamila cimaa Dhaabbata Fraansi ‘Air Bus’ ti. Bara kanallee xiyyaarri Afriikaaf kan jalqabaa A350-1000 Itoophiyaa harka gaheera.
Mootummaan Fraansi hojii haaromsa Masaraa Biyyaalessaa fi mana Amantaa Laalibalaa deeggaruurra darbee riifoormii diinagdee Gooroof aantummaa agarsiisaa jira.
Maarre Pirezidaantiin Fraansi Imaanu’eel Maakroon waggaa 6 keessatti yeroo 2ffaaf Itoophiyaa daawwachaa jiru.
Tagany Bafiqaaduutiin