Ijaarsi hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa xumuramuun isaa biyyoonni Afriikaa biroo dandeettii mataa isaaniitiin pirojektii hangana gahu ijaaruu akka danda’an barnoota guddaa kan kennu ta’uu Xiinxalaan siyaasaa lammii Ameriikaa Andiriiwuu Kooribkoo (Dr) ibsan.
Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa Qaammee 4/ 2017 bakka hooggantoonni Afriikaa argamanitti Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) eebbisiisuun ni yaadatama.
Argamuun hooggantoota Afriikaa, qaxanicha keessatti fedhiin waliin misoomuu akkasumas Afiriikaan mataa isheetiin hojjetachuu danda’uu agarsiisa jedhaniiru.

Itoophiyaan Afiriikaa keessatti gahee hooggantummaa ishee cimaa jiraachuudhaan, koloneeffatamuu dhabuufi teessoo Gamtaa Afiriikaa ta’uun ishee seenaa ardichaa keessatti gahee qabaachuu ishee agarsiisa jedhaniru.
Hidhi haaromsaa Itoophiyaan imala anniisaan of-danda’uu ishee kan milkeessu ta’uu ibsanii dandeettii diinagdee dilbii fayyadamuuf carraa guddaa uumuu agarsiisa jedhaniiru.
Itoophiyaan biyyoota qaxanichaatti gahee dursummaa fudhatteetti kan jedhan xiinxalaan kun oolloota ishee waliin tumsaan hojjechuun fayyadamummaa mirkaneeffachuun akka danda’amu agarsiiftuu ta’uu dubbachuu Tajaajila Oduu Itoophiyaatu gabaase.