AMN- Sadaasa 30/ 2017
Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa ajandaa walitti qabuu akka Naannoo Oromiyaatti torbee dhufu eegalu milkeessuuf dhimmoota dandeessisan irratti Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee waliin Adaamatti mari’achaa jira.
Komishishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Ambasaaddar Muhaammud Diriir, Oromoon sirna jabaa duudhaafi safuu sirna isaa ittiin eeggatuufi nagaa biyyaa ittiin tifkatu qaba jedhan.
Mariifi marabbaan tokkummaa biyyaalessaa fiduuf milkaa’ina marii biyyaalessaa keessatti abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee gahee olaanaa akka qabanis eeran.
Komishiniin Marii biyyaalessaa bu’uura labsii hundaa’e hordofee Itoophiyaa guddoo hirmaannaa sabaafi sablammootaan ijaaramte ijaaruuf hojjechaa jira jedhan.
Nageenyi Itoophiyaa nageenya gaanfa Afrikaaf muteessaa ta’uus kan eeran Ambasaaddar Muhammud Diriir, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee hubannoofi beekkumsa argaa dhageettii qabaniin nagaa biyya isaanii waaressuuf hojjechuu akka itti fufan dhaamaniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase.