AMN – Muddee 3/2017
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa hirmaannaa hawaasaatiin rakkoo malaammaltummaa fi hanqina naamusaa hir’isuun akka danda’amu ibse.
Komishinichi malaammaltummaa ittisuuf tumsaa fi qindoomina dhaabbilee jidduu jiru cimsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu Komishinara Itti Aanaan Komishinichaa Obbo Fiqaaduu Sabbooqaa ibsaniiru.
Rakkoolee hawaasummaa biyyattii keessatti akka babal’atuuf malaammaltummaa fi hanqinni naamusaa gahee olaanaa kan qaban yoo ta’u hirmaannaa hawaasaatiin rokkolee kana hir’isuun akka danda’amu ibsaniiru.
Malaammaltummaa fi hojmaata sirrii hintaane ittisuuf namummaa fi safuu lammiilee irratti qindoominaan ijaaruuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru jechunn kan gabaase TOIti.