Hidhi Haaromsaa bu’aaf kan gahe Hooggansa bilchina qabu Ministeera Muummee Abiyyi Ahimadiin (Dr) kennaniin jedhani

You are currently viewing Hidhi Haaromsaa bu’aaf kan gahe Hooggansa bilchina qabu Ministeera Muummee Abiyyi Ahimadiin (Dr) kennaniin jedhani

‎AMN PLUS – Hagayya 23/2017

‎Geggeessummaa bilchaataa Ministeerri Muummee Abiyyi Ahimadiin (Dr) kennameen hidhi haaromsaa guddichi bu’aaf gahuu dandeessisuu isaa Hoji raawwachiisaan waajjira qindeessaa pirojektii hidha haaromsaa Aragaawwii Barihee (Dr) ibsan.

‎Bu’aan xumuramuu hidha haaromsaa uummanni Itoophiyaa miira ni danda’amaa kan itti horate fedhii misoomaa uummatichaa kan deebiseedha jedhan. Ijaarsi hidha haaromsaa kan eegale bara ADWUI akka ta’uu yaadachiisanii jalqabuu irra kasee sababii rakkoo gaggeessummaa fi malaammaltuummaatiin hojiin isaa akka danqamee ture ibsaniiru.

‎Ijaarsi hidha haaromsaa jijjiirama dura rakkoo isa mudateen yaroo dheeraa fudhachuun tuqanii hooggansa Ministeerri Muummee kennaniin bu’aaf akka gahe ibsaniiru ‎Ministeerri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) kan hoogganamu mootummaan jijjiiramaa gaggessummaa gaarii kenneef galatoomuu qaba jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply