Yaa’iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan gurguddoo fidee dhufa- Obbo Adam Faaraah

You are currently viewing Yaa’iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan gurguddoo fidee dhufa- Obbo Adam Faaraah

AMN PLUS- Amajjii 19/2017

Yaa’ii idilee Paartii Badhaadhinaa 2ffaa gaggeeffamurratti murtoowwan gurguddan kan murtaa’an ta’uu Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah Yaa’icha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, Paartichi yaa’ii isaa 2ffaa Amajjii 23-25, 2017 Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Yaa’iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan guguddoo kan murta’anii fi kallattiin fuulduree paartichaa kan kaa’amu ta’uu himaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply