Hidhi Haaromsaa mallattoo injifannooti- Faajjii Caalaa (PhD)

You are currently viewing Hidhi Haaromsaa mallattoo injifannooti- Faajjii Caalaa (PhD)

AMN PLUS- Hagayya 22/2017

Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa mallattoo injifannoo fi ashaaraa bara baraan cululuqee jiraatu akka ta’e Hayyuu Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil addunyaa Faajjii Caalaa (PhD) himan.

Humna, dafqa, beekumsafi dandeettii lammiilee Itoophiyaan ijaaramee kan xumurame Hidhi kun, rakkoolee biyya keessaa fi alaa mudachaa turan hunda injifachuun firii kennuu kan damda’e ta’uu himan.

Hidhichi yaadama ni dandeenya jedhu tokkoon tokkoon lammilee keessatti kan uume ta’uus Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Faajjii Caalaa (PhD) turtii AMN PLUS waliin taasisaniin himaniiru.

Qaamoleen garaa garaa pirojektichi akka hin xumuramne yaalii gochaa turuu isaanii yaadachisuun dhiibbaa dippiloomaasii sadarkaa idil addunyaa dabalate tasgabbii biyyattii booressuuf tattaaffiin taasifamaa turus hidhichi milkaa’ina har’a irra jirurra gaheera.

Itti dabaluun mallattoo biyyaalessaafi Itoophiyaan barmadummaa ishee ifatti kan itti mirkaneessite akka ta’e dubbatan.

Lammileen ijaarsa hidhichaa keessatti gahee bahan ijaarsa biyyaalessaa keessattis gumaachuu akka qaban Faajjii Caalaa (PhD) dhaamaniiru.

Tolasaa Mabraateetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply