Pireezidaantiin Waldaan Konfedereeshinii Hojjetaa fi Hojjechiisaa Itoophiyaa Obbo Kaasaahun Foolloo hidhi haaromsaa pirojektii gamtaan ijaarame akka ta’e ibsan.
Pirojektii Guddicha kanaaf hojjetaan maallaqa, ogummaafi humna isaa akka gumaache dubbatan.
Hidhi halkanii fi guyyaa hojjatamuun injifannoon xumurame kun aadaa hojii kan jijjiiree fi tokkummaa mirkaneessuun mallattoo mo’ichaa akka tahe beeksisan.
Konfedereeshinichi hojjetaa qindeessuudhaan gahee irraa eegamu bahaa akka ture illee dubbataniiru.
Pirezidaantiin Waldaa Konfedereeshinii Hojjechiistota Itoophiyaa Injinar Geetaahuun Huseen “Hidhi haaromsaa wal qindeessinee yoo hojjenne galma barbaanne akka geenyu kan agarsiisedha” jechuun ibsan.
Itoophiyaan pirojektoota gurguddoo gara fuula duraatti ijaartuuf barnootaa fi muuxannoo kan itti argatte akka ta’e eeruu isaanii TOI’tu gabaase.