AMN PLUS- Guraandhala 24/2017
Seenessi Waloo Biyya Waloo ni ijaara jechuun Gargaaraan Pirofeesaraa Taaddasaa Jaalataa dubbataniiru.
Gargaaraan Pirofeesaraa Taaddasaa Jaalataa Tibbana “seenessa waloo” irratti kan xiyyeeffate Gumii Balal marsaa 41ffaa qindeessummaa waajjira Pirezidaantii Oromiyaa fi Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin geggeeffame irratti argamuun haasawaa taasisaniiru.
Biyya ta’ee sabni seenaa hin qabne hin jiru kan jedhan gargaaraan piroofeesara, Seenaa biyya tokko beekuun eenyuummaa, aadaafi duudhaa saba biyya sana keessa jiraatu beekanii seenessa biyya sanaaf maluun ibsuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Akkuma uummanni Oromoo seenaa qabu uummanni biyya kanaa hunduu seenaa qabaachuu himuun, akkaataan seeneffama seena biyya keenyaa rakkoo qabaachuu himaniiru.
Seenessa waloo ijaaruuf qorannaa addaa addaa geggeessuu, marii garaa garaa geggeessuun akkuma jirutti ta’ee hundeen furtuu rakkoo kanaa maree biyyaalessaa geggeeffamaa jiru ta’uu eeraniiru.
Seeneffamni barreeffaman jiru barreeffamaan kan sirraa’u, caasaan caaseffamaan kan sirraa’u, kan sirnaan ijaarame sirnaan kan sirreeffamufi seeraan kan jirus seeraan sirraa’uu akka danda’u kaasuun, seeneffamni xixiqqaan afaaniin dubbatamanis kan jiran yoo ta’u, guutumaa guututti balleessuun rakkisaa ta’us hir’isuuf hariiroofi walitti dhufeenya sabootaa cimsuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Sirboonni, aadaafi duudhaan biyya keenyaa seeneessa waloo ijaaruu keessatti shoora olaanaa kan qaban ta’uu himuun, seenessa waloo biyya kanaa ijaaruuf sirna barnootaa keessaa fi caasaa mootummaa keessatti sirriitti irratti hojjechuu kan gaafatu ta’uu jechuu isaanii Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanne.