Hidhi Haaromsaa xumuramuusaan akka nama ilmoo argateetti gammanne – Daldaltoota Markaatoo

You are currently viewing Hidhi Haaromsaa xumuramuusaan akka nama ilmoo argateetti gammanne – Daldaltoota Markaatoo

AMN Plus- Fulbaana 14/2018

Daldaltoonni Magaalaa Finfinnee Markaatootti Daldalan, yeroo kamiyyuu hojiiwwan misoomaa biyyi hojjettu cinaa dhaabbachuuf kutannoo qabaachuu ibsan.

AMN PLUS Sagaleen Dhalootaa daldaltoota Markaatootti daldala garagaraa irratti bobba’an waliin turtii taasiseen, Waggoottan kudha afran darban Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa keessatti boondii bituufi deeggarsa barbaachisu taasisuun qooda isaanii bahaa turuu himan.

Xumuramuun hidha kanaas dhimma hawwii guddaan eegaa turan ta’uu himuun, galiiwwan gibiraafi biroo isaan irraa walitti qabames bu’aa biyyaafi dholoota egereef waan ooluuf akka nama ilmoo argateetti gammachuu guddaa argannee jedhan.

Pirojektiin guddichi Afrikaatti kan jalqabaa ta’eefi of dandeenyee hojjenne kunis, Itoophiyaa tarkaanfii tokko fulduratti kan siqsu ta’uurra darbee siidaa Afrikaanonni itti boonan ta’uus ibsaniiru.

Hidhi haaromsaa rakkoo walxaxaa keessatti kufee turuu kan yaadatan, daldaltoonni kunneen, mootummaa jijjiiramaa hidha kana milkeessuun dungoo gammachuu hawaasaaf mul’ises galateeffataniiru.

Hojiiwwan misoomaa gara fuula duraatti biyyi karoorfatte cinaa dhaabbachuufis kutannoo olaanoo qabaachuu dubbataniiru.

Keessattuu Itoophiyaan Ulaa galaanaa dogongora seenaatiin dhabde, deebistee akka argattuuf mootummaan hojii jalqabe cimsee akka itti fufu dhaamuun, mootummaa cinaas kan dhaabbatan ta’uu dubbataniiru.

Darajjee Bayyanaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply