Hidhi Koyishaa Haaromsarraa meetira 17 qofaan xiqqaata- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Hidhi Koyishaa Haaromsarraa meetira 17 qofaan xiqqaata- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS-Onkoloolessa 14/2018

‎Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa Koyishaatti miseensota kaabinee wajjin taasisaniin, Hidhi Koyishaa ijaaramaa jiru Dheerina Meetira 128 akka qabu ibsaniiru.

‎Kunis Hidha haaromsaa irraa Meetira 17 qofa akka hanqatu dubbatan.

‎Yeroo ijaarsa isaa daawwatan buufata hojjattootaa malee wanti tokkollee akka hin turre yaadachuun, hojichi amma sadarkaa boonsaa irra gahuu ibsaniiru.

Hojiin eegalame kun saffisaafi kalaqaan deggeramee osoo hin hojjatamnee sadarkaa amma gaherraa akka hin geenye dubbataniiru.

‎Hidha Koyishaa hojjachuuf biyyee Kiyuubik Meetira Miliyoona 15 ol baafamuu kan himan Ministirri Muummee, konkiriitiin Kiyuubik Meetira Miliyoona 5.4 guutamuus himanii jiru.

‎”Osuma inaaftuun inaaftuu hortuun horti” akkuma jedhamu, “Osuma Hedduummootni inaafanii kalaqaafi saffisaan ifaajuun hojjannee milkeessina” jedhaniiru.

‎Kanaafis, qormaatilee hedduu carraatti jijjiiruun, injifannoowwan gaggaarii akka biyyaatti galmeessuu akka itti fufan ibsaniiru.

Itoophiyaaf maddeewwan anniisaa garaa garaa akka barbaachisan kan dubbatan Ministirri Muummee, isaaf ammoo carraawwan jiran hundumaatti fayyadamuun madda anniisaa Itoophiyaa baay’isuun barbaachisaa tahuu kaasaniiru.

‎Akkuma yeroo dhiyootti pirojektiiwwan Meeggaa akka Hidha Haaromsaafi Hidha Walmal akkasumas kanneen biroo eebbisfaman ji’oota muraasa jidduuttis pirojektootni Hidha gurguddoo eebbifamuuf qophii ta’an akka jiran Ministirri Muummee dubbataniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply