AMN – Sadaasa 30/2017
Jiraattota keenya Kaazaanchisitti mandara jaaree fi mijataa hin taane keessa jiraataa turan mandara sanaa baasuun gara naannawa mijataa fi jireenyaaf tolutti jijjiiruun hojii jireenya namootaa jijjiiru hojjenneerra jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee.
Kantiibaa Adaanech ergaa toora marsaa hawaasaa isaaniitiin dabarsaniin, har’a qa’ee mana jireenyaa fi misooma qindaa’aa Galaan Gurraa eebbisanii jiraattota Kaazaanchis irraa misoomaaf ka’aniif dabarsanii laachuu isaanii ibsaniiru.