AMN PLUS- Amajjii 21/2017
Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee gamaggama raawwii hojii ji’oota 6 bara baajataa 2017 gaggeessaa jira.
Gamaggamichi bakka Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw, itti Aantonni Komishinarootaa, Ajajoonni Qajeelcha Poolisii Kutaalee magaalaa Finfinneefi hooggantoonni buufataalee Poolisii magaalichaa argamanitti geggeeffamaa jira.
Ji’oottan jahan darban magaalaa Finfinneetti qindoomina qaamolee nageenyaa magaalichaafi hawaasaatiin ayyaanonni gurgguddoon nagaadhan kabajamuun hojiin bu’a qabeessi argamuu Komishinar Geetuu Argaaw dubbataniiru.
Dabalataan magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila teekinoolojiin deeggarameen hojiin bu’a qabeessi hojjatamuu kan dubbatan Komishinar Geetuun gara fuulduraattis kenna tajaajilaa fooyyeessuuf yaadota marii galtee godhachuun kan hojjatan ta’uu eeraniiru.
Nageenya magaalaa Finfinnee daran waaressuuf gabaasni kutaalee magaalaa hundaa dhihaachuun ciminaafi hanqina irraatti mari’atamee kallattiin xiyyeeffannoo kan ka’amu ta’uus himameera.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.