AMN – Mudde 01/2017
Miidhaa dubartootaa fi daa’imman irra gahu hambisuuf qaamni dhimmichi ilaallatu hundi xiyyeeffannoon irratti hojjechuu qabu jedhe Biiroon Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Finffinnee.
Biirichi sagantaa miidhaa dubartoota irra gahu hir’isuuf mata duree “miidhaan dubartoota irra gahu miidhaa kooti; hin callisu” jedhuun sosochii akka biyyaatti yeroo 19ffaaf gaggeeffassaa ture xumurameera.
Saganticha irratti argamuun ergaa kan dabarsan itti aantuun hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Hawaasummaa Magaalaa Finfinne aadde Zinnaash Katamaa miidhaa dubartoota irratti raawwatamu, balaaleffatamuu qaba jedhanii, qaamni dhimmi ilaallatu hundi itti gaafatammumma isaa bahachuu akka qabus dhaaman.
Wangeel Faqqadaatu Gabaase