Hojii Tola Ooltummaa baranaan namootni Kuma 10 ta’an carraa hojii akka argatan ibsame

You are currently viewing Hojii Tola Ooltummaa baranaan namootni Kuma 10 ta’an carraa hojii akka argatan ibsame

AMN Plus- Sadaasa 1/2018

Komishiniin Hirmaannaa Hawaasaafi Qindeessaa Tola Ooltummaa Magaalaa Finfinnee sagantaa tola ooltummaa bu’uraalee misoomaa bara 2018 jalqabsiiseera.

Sagantaan kun mataduree ” Hirmaannaa hawaasaa hunda galeessa misooma itti fufiinsa qabuuf” jedhuun akka eegalame ibsameera.

Komishinarri Itti Aantuun Komishinichaa Aadde Tsahaay Kibaamoo Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa aanaa 04, mandara jireenyaa Boolee Bashaallee ‘Biruh Tasfaa’ jedhamutti hojiiwwan bu’Uuraalee misoomaa mandara jireenyaa tokkoof barbaachisan hedduu birrii miliyoona 30 oliin hojjetaman eegalchiisaniiru.

Sababa hojii tola ooltummaa bu’uraalee misoomaa bara kana karoorfameen carraan hojii namoota kuma 10tti siqaniif akka uumamus aadde Tsahaay Ibsaniiru.

Pirojektiiwwan hojjetamuuf karoorfamanis iddoo bashannana waloo hawaasaa, dirree kubbaa, bakka tapha ijoollee, daandii keessa keessaa, iddoo dhaabbii konkolaataa, bo’oo daddabarsa lolaa, madda bishaanii lafa jalaafi kanneen biroo ta’uu dubbataniiru.

Hojiileen misoomaa kunneenis, yeroo ji’a 3 hin guunne keessatti hojjetamanii kan xumuraman ta’uus eeraniiru.

“Bara 2017 hojii tola ooltummaa waliigalaatiin tajaajilli qarshii biliyoona 18tti tilmaamamu kennameera” jechuun yaadachiisaniiru.

Darajjee Bayyanaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply