Mootummaan jijjiiramaa hojiilee namarratti xiyyeefatanii fi dhiibbaa jireenya lammiilee salphisan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Aadde Ayidaa Awwal himaniru

You are currently viewing Mootummaan jijjiiramaa hojiilee namarratti xiyyeefatanii fi dhiibbaa jireenya lammiilee salphisan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Aadde Ayidaa Awwal himaniru

AMN- Muddee 28/2017

Mootummaan jijjiiramaa hojiilee namarratti xiyyeefatanii fi dhiibbaa jireenya lammiilee salphisan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hojiraawwachiistuu olaantuun kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aadde Ayidaa Awwal himaniru

Kutaa Magaalichaatti ayyaana Qillee bara Kanaa sababeeffachuun harka qalleeyyiifi namoota haala rakkisoo keessa jiran 38,250’f maaddiin qoodameera.

Adaan Wal gargaarsaa fi waliin jireenya lammiilee cimee itti fufuun misoomni biyyaa akka itti fufu taasisuu keessatti sagantaan akka aanaa hiikoo guddaa qabaachuu kan himan hoji raawwachiistuu olaantuun kutaa magaalichaa, mootummaan jijjiiramaa hojiilee namarratti xiyyeefataniifi dhiibbaa jireenya lammiilee salphisan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhaniiru.

Sagantaa maaddii qooduu kana keessatti hirmaannan abbootii qabeenyaa olaanadha kan jedhan itti gaafatamtuun waajjira qindeessaa hirmaannaa uummaataafi tola ooltummaa kutaa magaalichaa aadde Hambaamuwaa Bulchaa sagantaa kanaaf maallaqni bahee miliyoona tokkoofi kuma 54 olitti kan tilmaammamu ta’uus eeraniiru.

Dabalataanis kutaa Magaalichaatti Manneen harka qalleeyyii 27 haaromfamaa turan dabarfamnii kennamaniiru.

Guyyaa ayyaanichaa hojjettoota humna ibsaa, giddu-gala soorataa Aamuddiin, Hoospitaala Amaanu’eeifi qaamolee nageenyaa hojiirra turaniif sangaan 18 kennameera.

Namoonni maaddiin qoodameefis yeroo qaala’insi jireenyaa uumamaa jiru kanatti caasaa mootummaa isaan deeggare galateeffataniiru.

Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply