Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa sababeeffachuun agarsiisni suuraa baname

AMN Sadaasa 19 /2017

Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa sababeeffachuun Agarsiisni suuraa guyyaa 2f turu Muuziyeemii Saayinsiitti baname.

Agarsiisni suuraa kun mata duree “Olaantummaa yaadaa badhaadhina hundagaleessaaf” jedhuun qophaa’e.

Itti aanaan MM fi itti aanaa preezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Tamasgeen Xirunaa, Sadarkaa Itti aanaa Muumicha Ministiraatti itti gaafatamaa giddugala ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaa preezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagarii fi qondaaltota olaanoo dhaabichaa fi mootummaa kan biroo waltajjii kanarratti hirmaataniiru.

Agarsiisa suuraa kanaanis bu’aa bahiiiwwan paartichi keessa darbeefi hojiiwwan gurguddoo paartichi hundeeffama irraa jalqabee hojjete dhiyaateera.

Darajjee Bayyanaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply