Ibsa Mootummaan Itoophiyaa dhimma Somaaliyaa ilaalchisuun kenne

AMN- Mudde 15/2017

Ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa Taatee magaalaa Dooloo keessatti mudateen humna Itoophiyaa himachuun Itiyoophiyaa dallansiisuu fi himatichi soba ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Himanni sobaa kun hariiroo Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru caalmaatti sirreessuuf tattaaffii eegalame gufachiisuuf kan kaayyeeffame ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ibsa baaseen himeera.

Itoophiyaan waliigaltee Ankaaraa sirnaan hojiitti hiikuuf murannoo qabaachuu himeera.

Tumsi biyyoota lamaanii nageenya waaressuu fi guddina diingadee naannawichaaf murteessaa ta’uu ministeerichi ibsa haala yeroo ilaalchisee baaseen himeera.

Ummanni Itoophiyaa fi Somaaliyaa carraa walfakkaatu kan qaban, biyyoonni lamaan walitti dhiyeenyaan yoo hojjetan rakkoo mudatuuf furmaata laachuu danda’a jedhame.

Mootummaan Itoophiyaa balaawwan walfakkaataan ittisuuf Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin tumsaan hojjechuu kan itti fufu ta’uu ibsichi kaaseera.

Itoophiyaan akkaataa waliigaltee Ankaaraan hariiroo biyyoota lamaanii haaromsuu fi caalmaatti cimsuuf hojjechuu kan itti fuftu ta’uu himeera.

Murannoon hoggantoonni biyyoota lamaanii nageenyaaf qaban hariiroo waloo fi tumsa naannawichaaf kan cimsu ta’uu eereera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply