
AMN – Sadaasa 18/ 2017
Dhaabbatni Mallaqa Addunyaa Itoophiyaaf liqaa dabalataa doolaara biiliyoona 3.4 gadhiisuuf sadarkaa waajjiraatti waliigalteerra gahuu ibse.
Jilli ogeeyyii dhaabbatichaa Alvaaroo Piiriisiin durfamu Sadaasa 12-26, 2024tti Finfinnetti argamuun adeemsa Riifoormii Diinagdee Itoophiyaa qorataa tureera.
Bu’uura qorannoo kanaatiin IMF hojiirra olmaa Diinagdee Mandhalee mootummaa Itoophiyaaf faayinaansii dabalataa doolaara miiliyoona 251 eeyyameera.
Liqaa dheeraa doolaara biiliyoona 3.4 kennuuf waliigaluu ibseera.
Dhaabbatichi baatii 3 dura hojiirra olmaa riiformii diinagdeef deeggarsa faayinaansii doolaara biiliyoona 2.556 gadhiisuun ni yaadatama.