Ijaarsa wiirtuu kalaqa teeknooloojii raawwachuuf waliigalteen mallattaa’e

You are currently viewing Ijaarsa wiirtuu kalaqa teeknooloojii raawwachuuf waliigalteen mallattaa’e
  • Post category:Itoophiyaa

AMN Fulbaana 18, 2016:- Tajaajilli humna Elektirikaa Ityoophiyaa fi Koorporeeshiniin Siivil Injinariingii Chaayinaa wiirtuu gahumsa teeknooloojii ijaaruuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Ijaarsi isaa mooraa dhaabbatichaa Kotabeetti argamu keessatti kan raawwatu yoo ta’uu, Birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona 341 fi kuma 596 oliin ijaarama jedhame.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Obbo Shifarraawu Taliilaa fi Daayrektarri Koorporeeshiniin Siivil Injinariingii Chaayinaa damee Itiyoophiyaa Wuu Juuyi waliigalticha mallateessuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review