Bara 2022tti Finfinnee fakkeenya Badhaadhina Afriikaa taasisuuf hojjetamaa jira

You are currently viewing Bara 2022tti Finfinnee fakkeenya Badhaadhina Afriikaa taasisuuf hojjetamaa jira

AMN PLUS, Guraandhala 13, 2017

Bara 2022tti Finfinnee fakkeenya badhaadhina Afrikaa taate uumuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Hojigaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Waajjirichi bu’aa qorannoo too’annoofi dhabamsiisa balfaafi furmaata waaraa jechuun gaggeessaa ture irratti qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamatti mari’achaa jira.

Waltajjii marii kana irratti Hoggantuu itti Aantuu Waajjira hojigaggeessaa Magaalaa Finfinnee Aadde Yimmenyushaal Taaddasaa dabalatee itti gaafatamtoonni Ejensii Qulqullinaa sadarkaan jiraniifi qooda fudhattoonni biiroon argamaniiru.

Magaalattii keessaa guyyaattii balfaawwan toonii kuma 3f 387 maddu keessaa 74% balfa gogaa ta’uu waraqaan qorannoo marii kanaaf dhihaate ni agarsiisa.

Balfa kana karaa sirriin to’achuufi maqsuun magaalaa qulqulluu jiraattotaaf mijattuu taate uumuu keessatti hojiin wal irraa hin cinne hojjetamuu akka qabus eerameera.

Sisaay Dirribaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply