AMN Plus- Onkololeessa 17/2018
Itoophiyaan Laggeen ishee badhaadhina waloo naannawaaf, Karra Galaanaan immoo faayidaa biyyaalessaa ishee mirkaneessuuf ejjennoo cimaa qabdi jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen torbee Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 2ffaa Goda hambaa Saayinsitti bananiiru.
Obbo Tamasgeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Itoophiyaan xiyyeeffannoo anniisaa haaromfamaa fi misooma bishaaniif kenniteen dhiyeessii bishaan qulqulluu fi Elektirikii miiliyoonota biraan gahuun fooyya’iinsa olaanaa argamsiifteetti jedhan.

Naannawichaaf giddugala Inarjii ta’uun ollaa ishee anniisaa haaroomfamaan fayyadamoo taasisaa, walitti hidhamiinsa cimsaa fi badhaadhina waloof tattaafataa jirti jedhan.
Hidhi Guddichi Haaromsaa mul’ata gaarii Itiyoophiyaan naannawichaaf qabdu kan calaqqisiise, Ifa Afrikaa fi mallattoo tumsa biyyoota yaa’a gadii ta’uus ibsaniiru.
Itoophiyaan karra galaanaa argachuun walitti hidhamiinsa diinagdee fi badhaadhina waloo saffisiisuun olkaa’insa waloof bu’uura cimaadha jedhan.
Misoomni bishaanii fi inarjii itti fufiinsan, tumsaa fi hojiira oolmaa kalaqaan carraa waloo keenyaa ta’uu hubachuu qabnas jedhan.