Jilli Bulchaa Kutaa Bulchiinsa Jiyaansuu Shuu Kuliin durfamu Finfinnee dhufe

AMN- Sadaasa 05/2017

Jilli Chaayinaatti Bulchaa Kutaa Bulchiinsa Jiyaansuu Shuu Kuliin durfamu daawwannaa hojiif Finfinnee dhufe.

Jilichi waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahu Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoofi hoggantoota ministeerichaa biroon simatameera.

Gareen kun Yaa’ii tumsa Diinagdee fi Daldalaa Chaayinaa – Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamurratti kan hirmaatu ta’uu himaneera.

Jilichi turtii isaan hoggantoota olaanoo mootummaa Itiyoophiyaa waliin dhimmoota waloorratti ni mari’ataan eegama.

Dhaabbileen Bulchiinssa Jiyaansuu 76 Kaappitaala Doolaara biiliyoona 1.3 galmeessan Itoophiyaatti dameewwan Invastimantii adda addaarratti bobba’uun hojjechaa jiraachu Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

All reactions:

5555

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply