Tarsiimoon misoomaa kamuu, hirmaannaa ummataa dhugoomsuuf aadaafi duudhaa ummatichaa irraa waraabamuu akka qabu ifatti mul’isejedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis hojiilee Tajaajila Lammummaan hojjetaman ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Tajaajilli Lammummaa waan lamaan olmaa nuuf oole. Kan jalqabaa dandeettiin gochuu Ummata keenyaa amma yaannuu ol ta’uu, qabatamaatti nutti agarsiise. Shallaggii hanga Waxabajjii 30, bara 2015 taasifameen qofa hojiifi deeggarsi gosa adda addaa Sagantaa Tajaajila Lammumaatiin arganne bil. 163.4 oli.
Kan lammataa ammoo duudhaa humneessoo ummata keenyaa sababa adda addaatiin adda citee ture akka deebisnee gonfannu karra nuuf baneera.
Labsii Tajaajila Lammummaa booda humnoota waloo duudhaa ummataa irraa madaqan sadi gara hojiitti galchineerra. Imala hawaas-dinagdee ummata keenyaa jijjiiruu keessattis jabinaan nu utubaa jiru. Adeemsa kana, battala gama kanatti nu qajeelche irraa kaanee hanga ammaatti haa ilaallu!
Sakatta’iinsa Ganamatti nu qajeelche.
Hooggansi jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa hunda dura rakkoolee misooma naannicha ukkaamsanii qabaniifi furmaata isaanii ilaalchisee dhimmoota akka tarsiimoo, imaammataafi misooma waliigalaa irratti qorannoo yabbuu muxannoowwan biyya keessaafi idil-adunyaa irratti sakatta’iinsa taasise gaggeesse. Bu’aan qorannichaas, ‘Tarsiimoon Misooma Mootummaadhaan Hoogganamu’ (State-led Development Approach) biyyi keenya duraan fayyadamaa turtee akkasumas muxannoowwan biyyoonni Afrikaa heedduun fayyadamaa turan, guddina ariifataa, hunda galeessaafi damdaneessa kan hin mirkaneessine ta’uu agarsiisera.
Kufaatiin tarsiimoo kanaa sababoota hedduu qabaatus, inni jalqabaa hariiroofi fudhatama ummata waliin qabu irraa kan maddu ture. Innis, gama tokkoon dandeettii raawwachuu ummataa hubatee sochoosuu dhabuu yoo ta’u, gama biraatiin sochii misoomaa taasifamaa turan irratti ummanniifi qooda fudhattoonni akka abboomaman taasisuu dhabuudha.
Muxannoowwan biyyoota “Qeerransa Eeshiyaa” (Asian Tigers) imaammatichi akka ‘modeelaa’tti fudhatu wayita ilaallu, ummata isaanii guutummaatti sochoosuudhaan qooda fudhannaa ummanni misooma keessatti qabu qixa sirriin waan dabalaniif yeroo gabaabaa keessatti guddina ariifataa akka galmeessan isaan dandeessisuu agarsiisa.
Sakatta’iinsa taasifameen, tarsiimoon misoomaa moottummaan jijjiiramaan duraa hordofaa ture qaawwa qabaachuu kan agarsiise yoo ta’u, kanaaf muuxannoowwan “Qeerransa Eeshiiyaas” akka jiruun fudhachuun rakkoo aadaa ummata keenyaan walsimuu dhabuu akka qabaatu ifa ture. Kanaaf, qaawwa kana duudhaafi aadaa ummata kenyaa irraa ka’uun akkamitti duuchuun akka danda’amu adda baasutti galame.
Ilaalchota Oromoo Akka Ka’uumsa Tarsiimoo Misoomaatti
Akka Oromootti namni Ta’a Waloo (communal being) ti. Namni tokkoo guutumatti nama biraa irraa adda bahuufi nama biroo malee guutuu ta’u hin danda’u. Kana jechuun namni dhuunfaa tokko, karaa namoota biroot (hawaasaa) guutuu ta’a. Akkasumas, hawaasni tokko, karaa namoota dhuunfaa malee guutuu hin ta’u.
Oromoo biratti hariiroon hawaasummaa iddoo guddaa kan qabuu. Sochii dhimmoota waloofi arjoomni namoota dhuunfaa dirqama qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa naamusaa kan ta’e asirraa ka’uuni.
Itti gaafatamummaan ‘dirqama’ naamusaa irraa maddu kun hariiroo hawaasaa walsimatoo (harmonious) uumuufi ‘dirqama’ hawaasummaa bahachuu keessatti ummata keenya gamteessee tureera. Itti gaafatamummaan kun dhimmoota akka buusii (humnaa, maallaqaafi gosaa adda addaa) tajaajiloota waloo, deeggarsa harka qalleeyyii, kabaja maanguddootaa, ittisa lafa Oromoo, kunuunsa qabeenya uumamaafi kkf hammata.
Tarsiimoon misoomaa kamuu, hirmaannaa ummataa dhugoomsuuf aadaafi duudhaa ummatichaa irraa waraabamuu akka qabu sakatta’iinsi taasisne ifatti mul’dhiseera. Bu’uruma kanaan hirmaannaa lammiilee hundagaleessa tarsiimoon misooma ariifataa barbaadu mirkaneessuuf duudhaalee Ummata Oromoo ganamaatti deebi’uun dhimma filannoof hin dhiyaanne ta’uun hubatame.
Asirraa ka’uun “Tajaajila Lammummaa” duudhaa ummata kana dura turefi dhiibbaa adda addaatiin addaan citee ture kara qinda’aa ta’een deebisuun qaawwa kana kan duuchu ta’uu waan itti amanameef, qaamni hojii Raawwachisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Adoolessa 8, bara 2011, Labsii Lakk. 219/2011, Caffee naannichaatiif dhiyeessee raggaasisuun, bara 2012 irraa eegalee hojiitti galche.
Qabiyyee Kenna Tajaajila Lammummaa
Yaadamni Kenna Tajaajila Lammummaa, misooma dhuunfaafi garee murta’aa caalaa, hawaasni misoomaafi dhimmoota waloo irratti akka xiyyeeffatu kan taasisuu ta’uu isaatiin gamtaa hawaasaa (social cohesion) tiksa. Akka naannoo keenyaatti Tajaajila Lammummaatiin hojiin fakkeenyummaa qabuufi ummata keenyatti nu boonsu gama Ijaarsa Manneen Barnoota Bu’uura Boruu Idilee duraa, Ijaarsa Daree Barnootaa dabalataa, Manneen Barsiisotaa, eegumsa qabeenya umamaa, manneen jireenya harka qalleeyyii, sagantaa ‘dugda haadholii keenyarraa ba’aa haa buusnu’ jedhamu, faayyaa (‘mass sport’, iddoo hormaata booke dhabamsiisuu, deeggarsa nyaata harka qalleeyyi, arjoma dhiigaa, ijaarsa ‘bilookii’ dabalataa dhaabbilee fayyaafi keellaa fayyaa, bittaa ambulaansi, yaala bilisaa gaggeessu fi kkf), bu’uraalee misooma (diriirsa daandii cirrachaa, ijaarsa riqaalee aadaa, qophii boolla bishaaniifi misooma burqaa) adda durummaadhaan kaasu ni dandeenya.
Bu’aa Raawwii Kenna Tajaajila Lammummaa
Bara 2012 irraa eegalee hanga Fulbaana 06 bara 2016’tti Tajaajila Lammummaatiin Mannen Barnootaa Bu’uura Boruu 4,574 ijaaruuf karoorfame keessaa Manni Barnootaa Bu’ura Boruu 2,871 (62.76 %) xummuramaniiru. Istaandardii Manneen Barnootaa 3,410 fooyyessuuf karoorri qabamee, karooraa ol, Manneen Barnootaa 3,608 (105.80%) adeemsa fooyya’iinsa sadarkaa adda addaa irra jiru. Ijaarsi Manneen Jireenyaa Barsiisotaa 4,000 karoorfamee 4,013 (100.32%) ijaarsi isaa xummuramee; kan hafe sadarkaa xummuraarra jira. Yeruma kanatti manneen kitaabaa 159 haaraan yoo ijaaraman, dhiyeessiin bishaan qulqulluu 126 taasifameera.
Deeggarsi meeshaa barnootaa barattoota harka qalleeyyi mil. 2.46 taasisuuf karoorfamee mil. 2.3 (94%) biraan gahuun danda’ameera.
Ganna kana manneen harka qalleeyyii 27,049 yoo ijaaraman/suphaman, sagantaa “dugda daadhooli keenyarraa ba’aa haa bufnu” jedhuun gaarii, harree, farda, raaddeniifi hoolota 4,121 bitamuun raabsamaniifiru. Akkasumas arjooma dhiigaatiin, dhiigni unitii 13,207 Baankii Dhiigaatif galii ta’eera.
Bu’aawwan raawwii tajaajila kana irraa argaman hunda tarreessun hin danda’amu. Akkuma seensa keenya irratti ibsame, hojii bara 2012 irraa eegalee raawwatameen hanga Waxabajjii 30 bara 2015’tti bu’aan shallaggii birrii Bil. 163.4 ol ta’u argameera. Bara baajata 2016’ttis Karoora Tajaajila Lammummaatiin hojiilee birri bil. 102.7’tti shallagamu raawwachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Raawwiin hanga dhuma ji’a Hagayyaa jirus, tilmaama birrii bil. 27.12 akka qabu beekameera.
Walumaagala, carraan kun duudhaa ummata keenyaa irraa kan argameedha. Misoomni ummata hin hirmaachifneefi imaammanni duudhaa ummataa irraa hin kaane fuulduratti hin deemu.
Dhumarrattis, yeroo itti aanuuttis, imaammatoota keenya duudhaa ummataa irraa waraabaafi qajeelchaa misooma waloo ariifataa kan dhugoomsinu ta’uu isiniif mirkaneessaa, raawwii hanga ammaa jiruuf ummata keenya irra deddeebi’ee galateeffachuun barbaada.